ABO/WBOn dokumentii mootummaa Abiy Ahmed jalaa miliqxee baate ilaalchisuun ibsa baase

Published Dec. 10, 2021, 8:46 a.m. by FNN

313



 

 Qabsoo Bilisummaa Oromoo Ololaan Cabsuun Gonkumaa Hin Dandahamu! 

(Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO) 

Qabsoon Bilisummaa Oromoo akeekaa fi galee mataa isaa qaba. Osoo akeekii fi galiin qabsoo bilisummaa Oromoo manii isaa hin rukutiin baaburri qabsoo bilisummaa Oromoo akka hin dhaabbannes beekamaa dha. Akeekaa fi galii kun akka bakkaan gahuufis murteessaan irree Oromoo dha malee irree fi olola halagaa miti. Oromoon hariiroo fi tumsaa halagaa waliin yeroo tolfatu kan toftaa fi tarsiimoo tolfata malee akka qabsichi irratti hirkatu hin taane. Yeroo ammaa kana ammoo qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa guddaa irra gahee waan jiruuf jabinaa fi laafinnni qabsichaa irree Oromoo irratti hundaaha malee olola halagaan kan daddaqamu hin ta’u. 

Diinni jabina qabsoo bilisummaa Oromoo hubate, lolaan Oromoo injifachuu waan dadhabeef ololaan Oromoo jilbeeffachiisuuf dhama’aa jira. Duula maqaa Minilk jedhuun gaggeeffamee sirna abbaa irrummaa fi cunqursaa diriirfatan tikfachuuf, akkasumas kanneen kabajamuu mirga sabootaa dura dhaabbatan gaaffii ummatootaa ukkaamsuuf shira hedduu xaxaa jiru. Qabsoo bilisummaa Oromoo yoo danda’an dhaamsuuf dadhaban ammoo ukkaamsuuf dhama’u. Humna waraanaatti gargaaramuun dhaabamsiisuu, duula qoor-qalbiin ummata hamilee cabsuun qabsoo irraa fageessuu, gaaffiin ummataa kan deebii argate fakkeessanii dhiheessuu fi ololuu, dabrees gaaffiin ummatootaa akka hin jirretti haaluun sirna isaaniin utubame jireessuuf carraaqaa jiru. 

Duguuggaan sanyii Abbootii Gadaa, Wayyuu akkasumas jaarrolii Oromoo Karrayyuu irratti gaggeeffame qaamuma duula weeraara Minilik dha. Haleellaan xiyyaaraa Oromoo Walloo irratti gaggeeffames qaamuma Oromoo humnaan cabsuuti. Fixiinsi ilmaan Oromoo Giddaa Kiiramus qaama babal’ifannoo lafaa weerartuu Minilik ta’uu hubanna. Haallan ulfaatoo kanaaf, uummati keenyi xiiqii keessa galee falmaa isaa itti fufuun diina rifaasisaa jira. Haala kanaan toftaa ololaa itti dhimma bahuun hamle Oromoo cabsuuf, akka Abiy bara jireenya isaa guutuu ergamaa diinaa ta’e uummata ajjeesaa ture uummata dagachiisuun goota fakkeessanii dhiheessuuni fi WBOn ammoo kan injifannoo homaatuu hin galmeessine fakkeessanii dhiheessuuf media akeeka Minilik tarkaanfachiisaniitti qajeelfamni darbee jira. 

Maqaa WBO xuureessuufis WBOn aanaa tokkollee hin qabanne jedhanii haaluu, akkasumas maqaa Abbootii Gadaa fi Haadholii Siiqqeen dargaggoota Wigi mataa irra kaahatan WBO dha, WBOn karaa nagaa qawwee isaa hiikkatee gale jechuun diraamaa haaraa dalaguun hawaasa Oromoo haamlee cabsuu fi hawaasa addunyaa ittiin kijibuuf qophii irra jiraachuun waan hubatameef ilmaan Oromoo bakkayyuu dhugaa kana wal hubachiisan qabsoo keessan jabeessitan, akka hawaasi addunyaas hin dogoggore qajeelchuun dirqama lammii Oromoo akka ta’e ajajaan ol’aanaa ABO-WBO dhaama. 
Guutummaasaa itti fufaa dubbisaa.


Similar posts:

Oduu tarkaanfii waranaa WBO

ODUU FNN

Cuunfa Injifannoo WBO

WBOn magaalota guguddaa seenuu jalqabe | Bilxiginnaan H Lixaa aanaa Habrootti qeerro guuraa jiraachuutu dhagahame