Hararghee Oromiyaa: Hidhaa fi Diigamuu Manneen Uummataa

Published Feb. 19, 2023, 4:19 p.m. by FNN

355



ODUU FNN

Gaafa Gurraandhala 15, 2023 itti G/H/B/A/Goroo Gutuu Aradaa Yakkaa Amaan Ganda Waree kessatii Abbaan aradaa #Abduraman Adam Amad Robaa jedhamuu qeerroo waranaa ittii ajajudhaan tumsisaa mana hidhaa Karamileetii gursisaa jiraachuun dhagahameera.

Qeerroolee mana hidhatii darbataman keessaa.

  1. Ammee Sanii 
  2. Abrahiim Sanii 
  3. Shamee Bakar fi
  4. Adam Mahamad kan jedhaman keessatti argamu.

Hangaa ammatti maatii ijollee baqatanii hundaan hangaa ijolleen tessan dhuftu hin bataan jechudhaan bulchiinsi araddaa matii ijollee mana hidhatti guraa jirachuu maddeen kenyaa naannoorraa gabaasaniiru.

 

Godina Harargee magaalaa Dirre Dawwaa ganda 03 kessatti rakkoon ilmaan Oromoo irra waggaa 5nan darban kessatti gahaa jiruu kan himamee dhumuu mitii jedhu jiraattotni.

        

Nama maqan ishee Aminaa Usma'il Ibroo jedhamtu iddoo hojii ishee fi ilmaan ishee waliin irra jirattu sababa qaama adda addaatu sii biratti argama, miseensa Shaneetu sibiratti argama jechuudhaan qaamoleen garagaraa piropogaandaa irrati oofaa erga turaniin booddee amma manni ishee akka diigamu gochuun dhagahameera. 

Abbotiin qabeenya gurguddoo qaban motummaa irratti dhibbaa gochuudhaan mana ishee akka kaafamu ittii murtahee akkaa manni irratii diigamuu tahee jiraachuun dhagahameera. Ji'a 1 dura manni ishee fi qabenyi ishee qaamota mootummaan barbadahuun baramee jira. Namonni mootummaa kessa harka naqatanii dhimma dhunfaa isaaniif jecha dandii kanaraa kahuu qabdi  jechuudhaan manni ishee akkaa kaafamu godhan kessaa:

  1. Sadiiqi : Abaan qabenyaa Dirijibii Birraa Coffee jedhamuu
  2. Faraa kana jedhamuu sabaan Somalee fi abbaan qabenyaa Ayyaan Fabrikaa Bishanii 
  3. Masfinee: Kiressaa magazenaa dhunfaa tahuun beekameera.

 Misenssaa fi hojjetaa mootummaa gandaa 03 (iddoo Salam safer) Nibraat jedhamu Qeerroo wa'ee sabaa dubbatan hundaa hiisisaa fi polisii federaalaa ittii yamaa tumsisaa warra jiran keessaa tahuun dhagahameera. Namni kun abbootii qabeenyaa farra uummataa tahan waliin tahuun manneen namaa akka diigaman warra gochaa jiran keessaa tahuun dhagahameera. 

 

Ilmaan Oromoo Hangaa ammaatii Magaalaa Dirree Dawwaa kessatii manii irratti diigamaa jirachuun ittii fufee jira jedhu jiraattootni. 


Similar posts:

Gaachana Sirnaa PP

Araara: Eenyu wajjin? Akkamitti?

MOOTUMMAA DHALOOTA NYAATU

DHALOOTA JIILE