WFP Baqattoota Itiyoophiyaa balaan beelaa muudataa jira jechuun akeekkachiise.

Published Oct. 11, 2025, 12:58 p.m. by FNN Staff

246



ODUU FNN

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaata Addunyaa baqattoonni Itiyoophiyaa keessa jiran balaa beelaaf saaxilamuu akeekkachiise. 

Dhaabbatichi sababa hanqina maallaqaatiin raabsaa nyaataa hir'isuuf waan dirqameef sodaan beelaa dabaluu ibseera. 

Ji'a Onkololessaa keessa Sagantaan Nyaata Addunyaa baqattoota kuma 780'f dawoo baqatttootaa 27 Itiyoophiyaa keessa jiraniif deeggarsa midhaan nyaataa dhibbeentaa 60 dhiyeessaa ture gara dhibbeentaa 40tti hir'isuuf akka dirqame beeysise. 

Kana jechuun tokkoon tokkoon namaa gargaarsa nyaataa guyyaatti kaalorii kuma tokkoo gadi argatu jechuudha. 

Baqattoonni haaraan kuma 70, kanneen walitti bu'iinsa biyyoota ollaa Suudaan fi Suudaan Kibbaa keessaa baqatan qofti ji'oota jahan dhufaniif raashinii guutuu kan argatan ta'uu ibseera. 

Dhaabbatichi baqattoota haaraa dhufan birattis beelaafi hanqina nyaata madaalawaa ol'aanaa ta'uu hubachiiseera. 

Daayreektarri fi bakka bu'aan Sagantaa Nyaata Addunyaa damee Itoophiyaa Zilaataan Milisiik."Filannoo hin danda'amne godhaa jirra," jedhan. 

"Hanga dandeennutti qarqaarsa nyaataa hiika qabu kennuuf yaalaa jirra. Haa ta'u malee, maallaqa yoo hin arganne, hanqinni maallaqaa kun raabsaa nyaataa guutummaatti dhaabsisa, lubbuu amma gargaaraa jirru balaadhaaf saaxila," jedhan. 

"Kun balaa gara fuula duraa miti, amma ta'aa jira. Hanqinni nyaataa hundi daa'ima beelaaf saaxila, haati osoo hin nyaatin akka dabartu dirqisiisa, maatii tokko fiixeetti dhiiba," jechuun ibsaniiru. 

Sagantaan Nyaata Addunyaa ergama gargaarsa namoomaa ji'oota jahan dhufan keessatti itti fufuuf hatattamaan doolaara miiliyoona 230 akka isa barbaachisu ibseera. 

Dhaabbatichi maallaqa atattamaa yoo hin arganne ji'oota dhufan keessatti baqattoota Itiyoophiyaa keessa jiran hundaaf deeggarsa nyaataa dhiyeessuu guutummaatti akka dhaabu akeekkachiiseera. 

Dhaabbatichi nyaanni madaalawaa daa'immanii fi haadholii hanqina qabaniif dhiyeessu akka malee jalaa dhuma akka dhufes akeekkachiise. 

Ji'a Muddee keessa ejensichi nyaanni madaalawaan akka dhumu beeksise. Kan jechuun ammoo maallaqa dabalataa yoo argate malee daa'imman hanqina nyaataa qaban, dubartoota ulfaa fi haadholii harma hoosisaniif miliyoona tokko ta'an guutummaatti deeggarsa dhabu jechuudha. 

Dhaabbatichi Ebla darbe hanqinni maallaqaa akka isa muudate beeysisee akka ture yaadachuun, gargaarsa arjoomtootaan sagantaa nyaataa ittifufuu akka danda'e ibseera. 

Sagantaan Nyaata Addunyaa fedhii namoota kuma 700 naannoo kibba baha Somaalee guutuuf mootummaa Itoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka jirus beeysiseera. 

Naannoon kun gogiinsa fi lolaadhaan miidhamuu isaa kan hubachiisan yoo ta'u, hamma jiru osoo hin hir'isin qarqaarsa nyaataa namoomaa tokko tokko gochuuf yaalaa akka jiru dubbataniiru. 

''Ergamni keenna ji'ootaaf addaan citee ture,'' jedhan daayreektarri kun. "Kun lammiilee fi baqattoota nyaata hin arganneef deeggarsa qabnu qofa osoo hin taane, muddama haaraa; dhufaatii baqattoota haaraa, gogiinsa, fi balaa qilleensaatiif qophii keenna ni xiqqeessa." 

Sagantaan Nyaataa Addunyaa yeroo dhumaaf baqattootaaf raabsa nyaataa isaa Caamsaa bara 2023 hir'ise. 

Ergasii as qaawwi fedhii fi dhiyeessii namaa gidduu jiru bal'ataa akka dhufes dhaabbatichi beeysiseera.

 


Similar posts:

Dura taa'aan TPLFMootummaan Federaalaa marii jiddu-galeessa ta'e hojiirra oolmaa waliigaltee Pretoria irratti taasifamu ugguraa jira jechuun himate.

godina Gujiitti hayyamni waldaalee albuuda oomishanii 49 haqamuun namoota kuma 49 ta'an hojii malee hambisuun komii kaase.

Mootummaan naannoo Somaalee Magaalaa Dirree Dhawaa teessoo mootummaa naannichaa taasisuuf qophii taasisaa jiraachuun barame.

Haala Oromiyaa ilaalchisee oduu fi odeeffannoo torban kanaa.